Itiyoopiyaan Niw Yoork Taayimsiif hojjetu gaazixeessaa biyya alaa gabaasa madaala hin eegne gabase jechuun erga eeyama isaa duraa haqxee booda biyyaa baasuu ishee angawaan mootummaa tokko jimaata darbe mirkaneessaniiru.
Itiyoopiyaa kan jiraatu gaazixeessaa lammii Irland Simon Marksn biyyaa baasuuf murtiin irra ga’ame, garee gaazixeessotaaf falmu biraa battala mormiin kan irra ga’e yoo ta’u, gaazixeessaan biyya alaa bulchiinsa muummicha ministeeraa Abiyiin ennaa biyyaa baafamu kun isa jalqabaa ti jedhee jira.
Biyyaa baafamuu Marks ilaalchisee New Yourk Times akka jedhetti angawoonni Itiyoopiyaa kamisa darbe mariif isa waamanii jimaata walakkeessa halkanii booda xayyaara utuu hin seensisin dura, sa’aatilee saddeetiif buufata xayyaaraa keessa tursan.
Mootummaan Itiyoopiyaa gaazixeessaa Simon Marks-n yakkamaa godhee ilaalee, huccuu isaa illee manatti gale akka hin jijjiirranne ykn passport isaa utuu hin fudhatin eeyamuu dhabuu dhaan biyyaa ari’uun rifaasisaa dha jechuu dhaan gaazixaan Ameerikaa keessa maadheffate gargaaraa gulaalaa gazixicha sadarkaa addunyaa Michael Slackman maqaa dha’uun gabaaseera.
Your browser doesn’t support HTML5