Itiyoophiyaan Miseensota Paartilee Siyaasaa Hanga Tokkoof Dhiifama Gochuuf Ka Jirtu Ta’uu Beeksiste

  • VOA

Faayilii - Baqqalaa Garbaa fi googgantoota KFO kaan mana murtiitti gaafa dhihaatan

Motummaan Itiyoophiyaa himannaalee miseensota paartiilee mormituu yakkaan imataman hanga tokko irratti dhiyaate irraa kaasuu ykn dhiifama kan godhuuf ta’uu beeksise.

Gabaasi duraanii akka mul’isutti Itiyoophiyaan hidhamtoota siyaasaa mara hidhaa dhaa gad dhiisti kan jedhu yoo ta’u, sunis yaada muummichi ministeeraa ennaa roobii darbe tuuta oduuf ibsa kennan dhiyeessan dogoggoraan hiikamuu isaa ture jedhameera.

Mootummaan takkaa hidhamtoonni siyaasaa jiru jedhee hin amanne. Dhiifaman godha jechuun mootummaa qabsaa’ota mirga namaa, gareelee mirga namaa fi mootummoota ka biroo qalbii hawatee ture.

Dura taa’aan koree dhimmootii alaa kan mana maree US Ed Royce ibsa barreeffamaan kennaniin akka jedhanitti Itiyoophiyaan dhuma irratti hidhamtoota siyaasaa qabaachuu ishee amante jedhanii, mootummaan battala isaan hiikuuf cichaan hojjechuu qaba jedhan.

Haayilemaariyaam Dassaaleny akka jedhanitti mootummaan namoota hanga tokko hoogganoota paartilee momrituu kanneen paartilee siyaasaa waliin hidhata qaban dabalatee dhimma isaanii ni xiinxala.