Baga Ayyaana Molidaa Nagaan Geessan:Gumii Dhimmoota Islaamaa Naannoo Oromiyaa

  • Jaallannee Gammadaa

(Suuraa Faayilii)

Ayyaanni guyyaa dhaloota Nabiiy Mahammad ykn Mowliid inni 1493 ffaan har’a kabajamaa jira.Ayyaanni kun biyya keessatti kaleessa galgalaa kaasee sirna adda addaan hawaasa musleemaa biratti kan kabajamaa kan jiru ta’uun ibsamee jira.

Dura ta’aa Gumii Dhimmoota Islaamaa naannoo Oromiyaa kan ta’an Sheek Mubaah Sheek Mahammad Abba Diggaa ayyaana har’a kana akka Oromiyaatti Galamsoo keessatti kabajaa akka jiran dubbatan.

Luboonni amantii Ortodoksii naannoo Galamsoo jiran Sangaa, Ruuzaa fi nyaata adda addaa geessuun aadaa yeroo dheeraa kan walii wajjiin jiraachuu fi ayyaana walii kabajuu calaqisan jedhan. Ayyaanni kun kan nagaa fi jaalalaa akka ta’uuf Sheek Mubaah Sheek Mahammad Abba Diggaa hawwii isaanii ibsanii jiru. Caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Baga Ayyaana Molidaa Nagaan Geessan:Gumii Dhimmoota Islaamaa Naannoo Oromiyaa