Kan Torban Darbee Du’an Boqotan Dr. Awweetu Siimeesso Nama Attamii Turan ?

  • Jaallannee Gammadaa

Dr. Awweetu Siimeesso

Dr. Aweetuun waggaa 62 dura magaalaa Dambii Dolloo keessatti dhalachuu isaanii kan ibsan obboleettiin isaanii Aaddee Eebbisee Siimeessoo obbooloota isaanii 12 keessaa nama 3ffaa ture jedhu. Barnoota isaanii hanga kutaa 4tti magaalaa Dambii Dolloo keessatti kan baratan Dr Aweetuun abbaan isaanii Obbo Siimeesso Deengaa paarlaamaa mootii Haayle Silaaseef waan filatamaniif jecha gara Finfinnee tti waan jijjiramaniif jecha Dr, Awweetuun hanga kutaa kudha lamaatti Finfinnee keessatti baratan jedhu aaddee Eebbiseen.

Sana booda gara jalqaba baroota 197o ta keessa barnootaaf gara Amerikaatti kan imalan Dr. Awweetuun barumsas eega xumuranii boodas waluumaa gala waggaa 32 Amerikaa keessa jiraatan jedhu.Sana booda harka caalaa isaa biyya keessa isa hafee immoo Amerikaatti deddebi’a ituu jiranii torbanneen afur dura Dr. Awweetuun kufanii wal’ansa fayyaa argachaa eega turanii booda Jimaata Darbee Hagayya 17 du’an boqotanii sirni awwaalcha isaanii dhuma torban darbee xumuramu ibsamee jira.

Ameerikaa keessatti Dr Awweetu waliin wal baruu isaanii kan ibsa Dr. Solomoon Ungaashe akka jedhanti nama baratee fi dandeetti addaa qabu of –biraa dhabne jedhan.Nama gadda isaa kolfaan dabarsu, nama hundumaa akka itti dhiyaateetti keessumeessuu danda’uu nama akka Dr Awweetu argachuun salphaa hin ta’u jedhan Dr. Solomoon.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Kan Torban Darbee Du’an Boqotan Dr. Awweetu Siimeesso Nama Attamii Turan ?