‘Keeniyaan labsii Yakka ‘Cyber’ (Qunnamtii Interneetiin ta’u) to’atu hojiirra oolchite’

Faayilii- Namoonni yeroo interneetii "Internet Cafe" keessaa fayyadaman, Naayroobii,Keeniyaa, Waxabajjii, 20, 2012

Pirezidantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa labsii yakka ‘Cyber’ ka qunnamtii Interneetiin raawwatamu to’atu raggaasisan. Labsiin kaleessa darbe kun namootni yoo odeeffannoo haqa hin taane karaa Interneetii ykn qunnamtii adda addaan bittimsan adabbii waggaa lamaa yookiin qarshii Keeniyaa Miiliyoona shan irratti murteessa. Barreessitootni Odeeffannoo Interneetiin raabsan mirga odeeffannoo argachuu irraan miidhaa geessisuu mala jechuun yoo labsii kana qeeqan, Ministirri Odeeffannoo fi Teeknoolojii biyyattii garuu, labsiin kun mirga odeeffannoo argachuutti ka bu’u miti jechaan deebii kenneera.

Galmoo Daawit dabalata qaba.

Your browser doesn’t support HTML5

‘Keeniyaan labsii Yakka ‘Cyber’ (Qunnamtii Interneetiin ta’u) to’atu hojiirra oolchite’