Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Mana-murtii Lidataatti, Obbo Abdii Raggaasaa Mana-murtii Sabbataatti Dhihaatan  

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa

Miseensi hooggansa ol’aanaa ABO Koloneel Gammachuu Ayyaanaa mana murtii ol’aanaa Lidataatti dhiyaatanii dararama mana hidhaatti irra ga’aa jiru mana murtiitti iyyatan, jedhan abukaatoon isaanii.

Your browser doesn’t support HTML5

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Mana-murtii Lidataatti, Obbo Abdii Raggaasaa Mana-murtii Sabbataatti Dhihaatan

Dhaddacha ragaa abbaa alangaa kaleessa dhaggeeffachuuf beellamamee ture abbaan alangaa ragoota isaa hin dhiyyeeffatiin hafuun ibsamee hanga guyyoota shanan walitti aananii jiran jechuun hanga Jimaataatti akka dhiyeessuu danda’aniif manni murtii yeroo dabalataa kenneef.

Gama biraatiin miseensa shanee gumii sabaa ABO kan ta'an obbo Abdii Raggaasaa mana murtii walii galaa Oromiyaa Sabbataatti dhiyaatanii Amajjii 28 bara 2013tti beellamamuu abukaatoon isaanii ibsaniiru.