Labsii Yeroo Muddamaa Jalatti Hidhataan Socho’uuf Angoo Qabu kan Mootummaa Qofa. Jiraattoota

  • Jaallannee Gammadaa

Simiintoo warshaa Daangootee

Hojii gaggeessaa warshaa simintoo Daangootee Diip Kamaaraa fi waahilonni hojii isaan waliin turan lama Roobii darbee ajjeefamuu mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee jira.Kamaaraan lammiwwan Itiyoophiyaa lama waliin warshaa aanaa adaa Bargaa keessa jiru irraa gara Finfinneetti imalaa ituu jiranii hidhattoota eenymmaan isaanii hin beekamneen ajjefamuu ibsamee jira.

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyy Ahmad du’a dhaqqabeef gadda ittidhaga’ame ibsanii jiru. Kana malees kanneen gochaa kanaaf itti gaafatamoo ta’an seera duratti kan dhiyaachuuf jiran ta’u mirkaneessan.

Jiraattonnii naannoo balaan kun itti dhaqqabe jiran akka jedhanti keessumaa seera labsii muddamaa jalatti hidhataan jiraachuu danda’uu kan mootummaa qofa jedhu.

Godiina Shawaa Lixaa Incinnii keessatti waggootii darban sadiif mormiin uummataa gaggeeffamaa yeroo ture tti ajjechaa fi hidhaa hamaa ture keessa uummannis ta’e qerroon tarkaanfii ajjechaa hin fudhanne. Kanaaf yeroo ammaa kana gochuuf sababaa tokko hin qabu jedhu jiraattonni.

Your browser doesn’t support HTML5

Labsii Yeroo Muddamaa Jalatti Hidhataan Socho’uuf Angoo Qabu kan Mootummaa Qofa. Jiraattoota