Gamoo Maa’ikelaawwii Cufuun Jijjiirama Dhugaa Hin Fidu: Mormitoota
Manni Hidhaa Maa’ikelaawii Muuziumiitti Jijjiirama: Muummicha Ministeeraa Itiyoophiyaa
Kanneen hidhaa keessaa hiikman akkasumas mana hidhaa maakalaawii gara Muziyamiitti jijjirra jechuun Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayle Maariyaam Dassaaleeny dubbatanii jiru.
Prezidaantiin mootummaa bulchiinsa oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa immoo uummata dhaabbanneef qabsoofneef qabna. Dhamaanee hojjechaa, kufaa ka’aa rakkoo hedduu keessa seennee jirra. Kan nuti gara xiinxala kanaatti seenne, taphiisaaf miti. Kabajaa nama dhuunfaas ta’e aangoon eenuyuu iyyuu boolla haa seenu. Biyyaa ol miti jennee, eenyuun keenya iyyuu aangoo fi kabajni keenya biyyaa gadi jennee herreguun itti seenne jedhan
Kanneen mana hidhaa Maa’ikelaawwii keessatti dararamaa turanii hiikamuun amma biyya ambaa keessa jiraatan illee manni hidhaa sun bakka ilmlaan Oromoo dararaa hamaan keessatti irratti raawwate cufamuun isaa gaarii dha. Garuu manni hidhaa ka biroon keessatti dararman ka biroon qophaa’uu fi dhiisuuf wabii maaliitu jira jedhan. Maatiin firoottan isaanii hidhaa keessa jirani illee labsiin kun jijjiirama fida abdii jedhu hin qabnu yoo jedhan paartileen mormituu biyya keessa jiran illee gamoon cufamee waa biraatti jijjjiramuu utuu hin taane gochi hammiinaa fi jijjiirraan mootummaa yoo godhame malee jijjiirama dhugaati jechuun hin danda’amu jedhan.
Your browser doesn’t support HTML5