‘Mootummaa waliin waggaa 24 keessatti marii 40 ol goonus haga yoonaa walii galuu hin dandeenye’ Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen

Mareen dhiyeenya Adda Bilisa Baasa Ogaadeeni fi Mootummaa Itiyoophiyaa waliin raawwatame walii galteerraa utuu hin gahin beellama birootiin xumurameera. Itti Gaafatamaan Dhimma Alaa Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen, mareen gaggeeffame, wal dubbii itti aanuuf karaa banuuf ka ture akka ta’e VOA’f himaniiru.

Mareen kun akka haaraatti ka jalqabe bara 2012 yoo tahu, inni dhiyeenya ta’e kun isa 4ffaadha. Qaamolee lameen ka mariyachiisaa turan bulchaan kutaa Bulchiinsa Garriisaa, ka Keeniyaa, Abdii kooranee, ‘mareen torbee darbe gaggeeffame kun fooyya’aa akka ture’ himan.

Sanbata darbes dhalattoota Ogaadeen keeniyaa jiraatan waamee dhaabbatichi waa’ee marii Mootummaa Itiyoophiyaa faana gochaa jiru isaaniif himeera.

Mootummaan Itiyoophiyaa garuu dhimma kana irratti haga yoona ibsinni kenne hin jiru.

Galmoo Daawit gabaasa dabalataa qaba

Your browser doesn’t support HTML5

‘Mootummaa waliin waggaa 24 keessatti marii 40 ol goonus haga yoonaa walii galuu hin dandeenye’ Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen