Profeser Mahaadii Hamiid Muddee kanneen gaazixaa Afaan Oromoo Jalqabaa Bariisaa jalqaban keessaa yoo ta’an torban lama dura addunyaa kana irraa du’aan boqotan.
Your browser doesn’t support HTML5
Waahiloota isaanii kanneen akka Baaruu Tumsaa, Guddinaa Tumsaa, Kuwee Kumsaa fi kanneen biroo hedduu waliin ta’uu dhaan illee bara 1976 keessa sirna aadaa Oromoo qopheessanii turan.
Erga gara Yunaayitid Isteesitti imalanii booda illee Profeeser Madhaadiin galmee jechootaa Afaan Ingliffaa Irraa Oromootti hiikan qopheessanii jiran. Bara 2012 hanga 2016tti barattoota Yuniversitiilee Yunaayitid Isteetisii fi Briteen keessaa qindeessuu dhaan barattoota magaalaalee Oromiyaa gama bahaa hedduu barsiisanii jiran.
Projektiin sunis barattoonni dandeettiin isaanii afaan Ingiliffaa fi herregaa akka jabaatu gumaachee jira. Mana barnootaa hanga yoonaa hojii irra jiru Asaboot Gulufaa cinatti ijaarsisanii jiran.
NASA fi Yuniversitii Emory keessatti illee qorataa ta’anii hojjetaniiru. Digirii isaanii barnoota Injineriingii fi Fiiziksii akkasumas maastersii /digirii lammataa barnoota Fiiziksiin argataniiru. Michoonni isaanii illee seenaa profeeser Mahaadii Hamiid ka beekan irraa nuu qodanii jiran.