Filannoon Naannoo Tigraay Fudhatama Hin Qabu Kan Seeraan Alaa Ti: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed 

  • VOA

Faayilii - Mummee ministiraa Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad

Filannoo naannoo Tigiraay kana “Filannoo Addeessaa yokaan Ji’aa” jechuun kan ibsan muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimed, “akkuma manneen seeraa ala ijaaramanii “Cereqaa Beet” jedhamanii gatii hin qabu,” jedhan.

Yeroo ammaa gurmuun EWEHAT sammuun isaa gogee jira, kan jedhan muummichi ministaraa Abiyyi, “yeroo kiisiin isaa gogaa deemu immoo ni bada. Humna sammuu gogaa fi dukkana keessa jiru wajjiin bitintiruu hin barbaachisu,”jechuu dhaan gaaffii fi deebii Televiiziyoona Itiyoophiyaa waliin geggeessan irratti dubban.

Kan mootummaan isaanii tarkaanfii fudhachuu dhiises, uummata Tigiraay waan hin fayyadneef malee yeroo gabaabaatti xumuruun ni danda’ama, jedhan jechuun Iskinder Frew gabaaseera.

Your browser doesn’t support HTML5

Filannoon Naannoo Tigraay Fudhatama Hin Qabu Kan Seeraan Alaa Ti: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed