Hidhamanii Hiikaman Moo Leenjifamanii Eebbifaman?

  • Namoo Daandii

Hiriira mormii Oromoon Finfinneeti bahe, Hagayya 6, 2016

Mootummaan Itiyoophiyaa, kanneen jeeqama naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti ka’etti hirmaachuutti shakkamanii qabaman – ittiin jedhu, namoota gara kuma afurii fi dhibba saddeetii oliif leenjii haaromsaa kennee gad-lakkisuu isaa kaleessa beeksisee jira. Godinaalee Oromiyaa keessaa qabamanii, leenjii fudhatanii gad-lakkisaman – kanneen jedhaman – namoonni kuma afur bakka itti walga’an – mooraa lleenii Xollaay keessatti argamuudhaan kan haasawa godhan – muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Hayile-maariyaam Dessaalenyi, “dogoggora keessan isinuu dubbatttanii jirtan. Kan ani dubbachuu barbaadu dogoggora mootummaa ti. Bulchiinsi sadarkaa sadarkaatti jiru sagalee keessan dhaggeeffachuu irratti hanqina qabna. Kanaaf, akkuma isin haarofmsamtanii deebitan, nutis haaromsama gad-fagoo keessa keenyatti gochuu qabna” jedhan.

Kana paartiileen mormituu fi xiinxaltoonni seeraa akkamitti ilaalu? Miseensi koree hoji-geggeessituu Koongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Xiruneh Gamtaa, “namoonni gad-lakkisaman sun duraanuu hidhamuun irra hin turre. Mootummaan karaa nagaa gaaffii isaanii deebisuu dhabuu irraa kan ka’e sochii uummataatti hirmaatan,” jedhu. Hayyuun seeraa, Dr. Tseggaayee Araarsaas, “namoonni kun jalqabamu iyyuu hidhamuun irra hin turre. Yoo shakkamanii hidhaman illee sa’atii afurtamii saddeet keessatti gad-lakkisamuu yokaan seeraan himatamuu tu irra ture. Fedhii isaanii tii ala yeroo dheeraaf hidhanii kaa’anii, amma immoo leenjii fudhatanii ba’an, haaressamanii ba’an – jechuun akka nama fedhii isaan mana-barnootaa deemee baratee eebbifameetti waraqaa ragaa kennaniif. Kun martinuu gochaa seeraa alaa ti,” jedha. Qomee yokaan T-shertii adii barreeffama “Irra-hin deebi’amu” jedhu of irraa qabu itti offisanii mul’isuunis hamilee namootaa kanaa cabsuuf kan akeekame – gochaa mirga namoomaa isaanii cabsuun raaw’atame ta’uu dubbata.

Paartiileen mormituu fi ogeeyyiin seeraa tarkaanfii mootummaa kana akkamitti ilaalan?

Kana cuqaasuun qophii guutuu dhaggeeffadhaa