Mootummaan Itiyoophiyaa, torban lama dura, jechuun gaafa Mudde digdamii-tokkoo, kanneen hiriira mormii naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti geggessametti hirmaatan – jechuun qabee, mooraalee Xollaayii fi Birri Shalaqoo keessatti hidhee ture kuma shanii gad-lakkisuu beeksisee ture. “Namoonni kun, leenjii haaromsaa fudhatanii gad-lakkisaman” jedha – mootummaan. Jarreen gad-lakkisaman keessaa, kanneen mooraa Xollaay keessaa, haala itti qabamanii fi haala mooraa sana keessaa akkamitti ibsan? Namoon kanneen mooraa Xollaay keessaa deebi’an keessaa haga tokko dubbisee jira. Kutaa duraa dhiheessina.
Kanneen godinaalee Oromiyaa adda addaa keessaa qabamanii, mooraa Xollaay keessatti leenjii fudhatan – namoonni kuma afur ennaa gad-lakkisamanitti, ka bakka sanatti argamanii haasawa godhanii turan, muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Obbo Hayile-maariyaam Dessaalenyi, “lammata itti hin deebinu” jechuun akka qalbii jijjiirratanii fi dogooggira irraa deebi’uuf waadaa seenan eeranii, mootummaanis gama isaaniitiin dogoggora isaa sirriiffachuun akka keessa isaa tii of haaromsu hubachiisanii turan.
Kanumaa, namoonni mooraa Xollaay keessatti leenjisaman haala akkamiitti qabamanii mooraa Xollaayitti geessaman. Haala mooraa sana keessaa fi waa’ee leenjii isaanii maal jedhu? Namoota gad-lakkisaman haga tokko telefoonaan dubbisnee jirra.
Your browser doesn’t support HTML5
Your browser doesn’t support HTML5