Prezidaant Joo Bayiden Karoora Baasii Mootummaa Ifa Taasisan

  • VOA

Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden (faayilii)

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, kurnaawwan keessatti maatiiwwan Ameerikaa fi gargaars jijjiirama akkaan gaarii ta’e kan fidu, fi akkasumas gaazii qilleensa faalu akkaan kan gad xiqqeessuu dandeessisu jedhan karoora baasii doolaara triliyoona $1.85 ifa taasisanii jiru.

Baayiden karoora isaanii sana keessaa walakkaa kan ta’u ennaa marii ganama seera tumtoota dimokraatotaa kanneen kongresii keessaa waliin geggeessan kan dhiyeessan yoo ta’u, booda irra daqiiqaa 23f haasaa White Housetti dhageessisaniin murtiin isaanii akka hojii irra oolu dhiibbaa godhan.

"Anaan dabalatee eenyu iyyuu waan barbaadu hin arganne” jedhan Baayiden