Prezidaantiin Keeniyaa Itti Aanaa Isaanii Haaraa Nama Ta'u Dhiyeessan

  • VOA

FAAYILII - Ministeera Haajaa Biyya Keessaa Keeniyaa, Kituree Kindikii yeroo ibsa kennan, Nayrobii, keeniyaa.

Pireezidaantiin Keeniyaa angawaa ministeera haajaa biyya keessaa turan itti aanaa isaanii haaraa taasisuuf kaadhimaniiru. Kaadhimamaa kun kan dhiyaatan erga Itti Aanaa Prezidaantii kan turan Rigatii Gachaguwaa himannaa malaammaltummaa fi qoqqoodinsa sabaatiin walqabatee paarlaamaa keessatti dhiyaateen angoo irraa akka kaafaman murtaahee sa’aatii muraasa booda.

Pirezidaant Wiliyaam Ruutoon Jimaata har’a Kituree Kindikiin mana maree biyyaalessaaf maqaa dhahaniiru. Kunis Gachaguwaan dhukkubsatanii hospitaala ituu jirannaan himannaan irratti dhiyaatee booda.

SEE ALSO: Itti Aanaan Prezidaantiin Keeniyaa Aangoo Irraa Akka Bu’aniif Himannaa Irratti Dhiyaate Balleessaa Hin Qabu Jechuun Of Irraa Falman

Kindikiin yeroo duula filannoo bara 2022 itti aanaa pirezidaantii ta'uuf dorgomaa turan.

Abukaatoon Gachaguwaa akka jedhanti, isaan ammallee “dhukkubbii qomaa cimaa” dhiphina waliin walqabatee hospitaala ciisanii jiru. Aangoo irraa kaafamuu isaaniis mana murtiitti ni falmatu jedhanii kan eegana ta’u ibsaniiru.

“Kaadhimamaa Piroofeesar Kituree Kindikii bakka duwwaa waajjira itti aanaa pirezidaantii keessatti uumame guutuuf kaadhimamuu isaanii ilaalchisee ergaan kabajamoo pirezidaantii irraa naaf dhufeera,” jedhan Af-yaa’iin gumii biyyooleessa Mooses Wetang’ula.