Oromo Week,Torbaan Oromoo qophii hawaasii Oromoo baruma baranaan walitiin dhufu eegii godina Minisootaatti ulfeessuu jalqabanii amma ganna sadeessoo keessa jiran.
Your browser doesn’t support HTML5
Guyyaan kun guyyaa barana Hagayya 30-Adoolessa 6 ,2016 magaalaa teessoo godina Minisootaa, (MN)St. Paul, Biruukliin Parkii fi Miniyapoolis keessatti ulfeessan.
Bulchootii mnagaallan tanaa proclamation, seera eennummaa qophii tanaatiin mirkaneessan baasanii akka ummatii bahee ulfeeffatan labsaniif.
Dorgommii ispootii hawaasa Oromoo, Oromo soccer Federation of North America (OSFNA) qophii torbaan Oromoo irratti dhiyaatte keessaa tokko. OSFNAn eegii jalqabee ganna 20eessoo keessa jira.
Dorgommii baranaa irratti kilabii 27 Amerikaa gama kaabaa fi Awustiralaiyaa irraa dhufanitti irratti wal dorgome.
Your browser doesn’t support HTML5
Bulchaa magaalaa St.Paul Chris Coleman Qophii Torbaan Oromoo keessatti
Dorgommii baranaa kilabii MN, 11 STARS jedhanitti shaampiyoonaa ta’e. Bulchootii godina MN qooda Oromoon gama dinagdee,siyaasaa fi waan akka akkaatiin magaalaa tana keessaa qaban jabeessuu fi guddisuuf Torbaan Oromoo labsaniif. Qophiin akkanaa akka bulchootii MN jedhanitit waan ummata biyya ufii keessaa baheen jajjabeessan keessaa tokko.
Qophii,aadaa,eennummaa,dhiphuu fi balinna ufii itti wal barsiisan.Bulchiinsii magaalaa Minnisapolis,St.Paaulii fi Brookliyn Paarki qooda Oromoon godina kana keessaa qabaatu guddisuu fi jajajbeessuuf waggoota sadiin duratti guyyaa kana kenneef. Minisootaa keessaa Oromoo 40,000 jiraata.
Dorgommii akkanaa tana hawaasa Oromootti qopheessa. Qophiin sun akkamitti deemte jennee Facebook afaan Oromoo irraa ilaaluu hin oolatan.
Mee facebook keenna irraallee asi irraa ilaala. https: //www. facebook. com/VOA-Afaan-Oromoo-137401322961858/
Torbaan Oromoo baruma baranaan Minisootaa keessatti ulfeessan. Dorgommii kubbaa miilaa ammoo godina Amerikaa akka akkaa irra maranii kopheessan,ka arana dhufuu Waashington DC keessatti qopheessan.
Qophii akkanaa tana hawaasa Oromootti kopheessa qophii baranaa asi irraa caqasaa.