Rakkoo Itiyoophiyaa Keessaa Irratti Walgahiin Sadarkaa Olaanaa Gaggeeffamee jira

  • VOA

Ministeerrii haajaa alaa Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinkeen (suuraa faayilii)

Ministeerrii haajaa alaa Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinkeen rakkoo Itiyoophiyaa keessaa kan Ilaaleen Kibxata kaleessaa walgahii sadarkaa olaanaa waamuun keessummeessanii jiru.

Sadarkaa addunyaatti qindaa’ee dhimmi kana dhiyeenyaan ni hordofuu kan jedhaman Bliinkan fi jilli addaa kan biyyoota gaanfa Afrikaa Jeefrii Feltman walii wajjiin walgahii keessummeessan kana irratti, itti gaafatamaa sadarkaa olaanaa gamtaa Afrikaa fi dura ta’an IGAAD Oluusheeguun Obasaanjoo, mummichi ministeeraa Sudaan Abdallah Hamdook, itti waamamaa gamtaa Awuroopaa Jooseef Boreel, ministeera hajaa alaa Inglizii Elizabet Trass, ministeerri haajaa alaa Jarmanii Niyals Allen akkasumas Gaanfa Afrikaa keessatti jila addaa Fransaayii kan ta’an Freedriik Flaviyar argamanii jiru.

Ministeerrii haajaa alaa Amerikaa Bliinken Obasaanjoo waliin eega dubbatanii booda, walgahii kana keessummeessan jechuun waajirri isaanii ibsa kaleessa galgala baasee hubachisee jira.Rakkoo uumamee karaa nagaan furuuf gamtaa Afrikaa fi Igaad giddutti qindominaan hojjachuuf yaadii jiraachuu isaa kan deggeran ta’uun ibsamee jira.

Itiyoophiyaa keessatti nagaa buusuun tokkummaa biyyatti eegsisuuf gamnii hundi haleellaa humnaa hatattamaan akka dhaaban, gara marii bal’aa fi hunda hirmaachiseetti seenuuf haala dandeesisuu bu’ursuuf isa jedhu, Amerikaa, gamtaa Awuroopaa, Faransaayii, Jarmanii, Inglizii hubachiisuu isaanii ibsii waajiira miniistrii dantaa alaa Yunaaytid Isteets biraa ba’e hubachisee jira.

Kana malees kanneen walitti bu’iinsa kana keessaa harka qaban martii seera addunyaa akka kabajan, akkasumas Itiyoophiyaa keessatti kanneen rakkataa jiran maraaf gargaarsii daangaa tokko malee akka dhaqqabuufis Gaafachuu isaanii ibsamee jira.