Warri Rippaablikaanii waggoota Afur dhufaniif Seneetii keessatti irra caalmaan to’achuu kan isaan dandeessisuu mo’ataniiru. Kunis kutaawwan Iswiingi Isteets jedhaman kanneen akka Pensilveeniyaa eeggamaa turan keessatti sagalee caalaa argachuu isaanitiini.
SEE ALSO: Hooggantoonni Addunyaa Traampiif Ergaa Baga Gammaddanii DabarsaanTeessoowwan mana maree kan seneetii irra caalmaan to’achuun isaanii kunis paartii Rippaablikaanii irraa kan filataman Tiraampiif manneen murtii biyyattii keessaa fi kan mana murtii walii galaaf muudama dhiyyeessan akkasumas ajandaawwan seerota akka tumamaniif dhiyyeessan akka salphaatti dabarsuuf isaan gargaaras jedhameera.
SEE ALSO: Itti Aantuu Pireezidaantii Yunaaytid Isteets Haaris Filannoo Mo'amuun Booda Haasaa TaasisanMarsaa duraa Tiraamp aangoo irra turan bara 2017 tti waggoota lamaaf warri Rippaabilikaanii mana maree lamaan irrattiyyuu caalmaa qabu turan.