Sagataan Afxiraa Amantoonni Islaamaa Kumootaan Itti Hirmaatan Finfinneetti Geggeeffame 

Your browser doesn’t support HTML5

Magaalaa Finfinneetti soomana Ramadaanaa sababeffachuun sagantaan Afxiraa gaggeeffamee jira.

Hordoftoonni amantaa Islamaa kumatammaan lakkawwamaan ka sagantaa kanatti hirmaatan yoo tahu, Pirzedaantiin mana maree Dhimmota Islamummaa Itoophiyaa Hajii Muftii Idiriis sirna kana irratti, hordoftoota amantichaaf dhaamsa dabarsaniin, “Tokkumaaf,nageenyaa fi jalaalaf walta'uu qabna,” jedhan.

Bulchinsi magaalaa Finfinnees hawaasa Musilimaaf ergaa gama isaa dabarsee jira. Tsahaay Daamxoo tu Finfinnee irraa gabaase.