Manni maree ministeerotaa Itiyoopiyaa wal ga’ii ariifachiisaa Jimaata kaleessa geggeessen, “heeraa fi sirna heeraa balaarraa oolchuuf “ jechuudhan labsii yeroo hatattamaa kaleessumaa qabee hojiirra oole biyyattii keessatti labsuun hin yaadatama.
Ibsi gaazexeessotaaf kenname "Ibsa mana maree nageenya biyyoolessaa irraa" kenname yoo jedhu ibsa sana kan kennan ministeera ittisaa fi itti gaafatamaa waajjirichaa obbo Siiraaj Fargeessaa ti. Labsicha hojii irra oolchuuf illee waaltaan ajajaa ykn komaandi poostii haaraan kan hundeeffamu ta'uu ibsaniiru.

Karaa biraatin, Embaasiin Ameerikaa labsii yeroo hatattamaa Itoophiyaa mormuudhan ibsa baaseera.
Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa
Your browser doesn’t support HTML5
Kutaa 1ffaa: Qophii Addaa Kan Labsii Yeroo Hatattamaa Laalchisuudhan Qophaahee
Your browser doesn’t support HTML5
Kutaa 2ffaa: Qophii Addaa: Simannaa Namoota Mana Hidhaatii Bahanii Godhamaa Jiruu fi Labsii Yeroo Hatattamaa
Your browser doesn’t support HTML5
Obboo Baqqalaa Garbaa: Labsiin Yeroo Hatattamaa Qabsoo Uummataa Hin Dhaabu