Prezidaant Traamp Falmii Daayrektera FBI ilaalchisee jiru Finiinsan

  • VOA

Prezidaant Traamp Falmii Daayrektera FBI ilaalchisee jiru Finiinsan

Prezidaant Donaald Traamp kan aangoo irraa fonqolchaman daayrektera FBI James Comey ilaalchisee falmii jiru itti fufuu dhaan jalqaba waggaa kanaa irra haasaa dhuunfaa isaan geggeessaa turan dhoksaan waraabame jedhan.

Ergaa tweeterii har’a ganama barii maxxansaniin prezidaant Taamp James Comey miidiyaaf miliqsanii baasuu utuu hin eegalin taappiin haasaa keenya qabu sun akka hin jiraatin abdiin qaba jedhan.

Traamp direcotra FBI James Comey maaliif hojii irraa ariitan jechuun gaafii dhiyaateef akkas jedhan

Sababiin isaas hojii gaarii hin hojjenne jedhan

Traamp Kibxta darbe ture kan qorannaa dhimma Raashiyaan filannoo Ameerikaa kan bara 2016 jidduu seenuu jedhu akkasumas hariiroo MOscoof duula filannoo Taamp gidduu jiru irratti qorannaa geggeessamaa ture kan hoogganan Comey hojii irraa kan ari’an.

Falmii irra hedduun jalqaba waggaa kanaa afeerraa irbaataa White House irratti Traamp fi Comeye gidduutti geggeessameen ta’uun gabaasameera.

Gaazexaan New Yourk times kaleessa galgala akka gabaasetti Traamp Comeyn amanamummaa isaaniif qaban akka mul’isan ennaa irbaata Sanaa gaafatan jedhee jira. Komeeyn immoo waadaa sana diduu dhaan yeroo mara ofii isaaniif amanamaa ta’uu akka qaban itti himan jedha gabaasi sun.

Angawoonni White House falmiin sun sirrii akka hin ta’in falmaanii jiran.