Godinaa Wallagga Bahaa, aanaa Limmuu, magaalaa Galiilaa keessatti Roobii fi Kamisa dabre hiriira daragaggoonni geggeessuu isaanii dargaggoonni fi itti gaafatamaan Waajira dargaggootaa aanichaa VOAf ibsanii jiran. “Hidhamtoonni siyaasaa Oromoo haa hiikaman, hidhattoonni dhiiga uummata Oromoo dhangaasan seera duratti haa dhihaatan, qoramaanni COC jedhame nu irraa haa dhaabatu!” dhaadannoolee jedhanii fi kanneen biroo hedduu ol kaasanii dhaadachuu fi sirbuu isaanii dubbatan – barattoonnii fi itti-gaafatamaan waajira dargaggootaa aanichaa – Obbo Darajjee Gonfaa.
Your browser doesn’t support HTML5
Barattoonni akka jedhanitti, Kamisa gara boodaa irra barattoonni hagi tokko konkolaataa Naqamte irraa magaalattii gala jirutti yaabbachuudhaan, alaabaa ofii hodhatan alaabaa ABO fakkaatu ol kaasanii qabachuudhaan dhaadannoo isaanii itti fufan. Achii booda, ppolisoonni idileen aanichaa hiriiricha bittimsuuf ol qabanii dhukaasan. “Yeroo sana barattoonni dhagaa darbachuudhaan poolisii fi namoota nagaa ka biroo madeessan” – jedhu – Obbo Darajjeen. Kanneen gochaa yakkaatti shakkaman barattoonni halkan tokkoof hidhamuu isaanii fi Sanbata gad lakkisamuus dubbatanii jiran. Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.
Your browser doesn’t support HTML5