Artiisti Guutuun oggoota sadeen darbaniif kalee dhukkubsachaa turee, Bitootessa 21,2020, dhiibaan strookiin isa qabee hoospitaala seene. Akka seeneen qorannaan vayrasii koornaa irraa walaba ta’uun itti himamus, booda garuu vaayrasichi qaama isaa keessa jiraachuun mirkanahee , irraa hafuu dadhabee. Ebla 18, 2020 dhalatee umurii isaa oggaa 50 ti addunyaa irraa du’aan boqate.
Your browser doesn’t support HTML5
Seenaa Artiisti Guutuu Lammii
Ariisti Guutuu Lammii maagaala Finfinnee naannoo Dhakaa Araaraatti dhalatee guddate. “Dargagguummaa isaatiin qabsoo Oromootti makamee, Afaan Oromoo fi duudhaa Oromoo akka ijoollee baadiyatti beeka,” jedhan warri dhiheenyan isaa beekan.
Guutuun barumsaa isaa sadarkaa tokkoofaa fi lammaafaa fixuun booda barumsa sadarkaa ol’aanaa Finfinnee, Koleejii Qidistemaariyaamitti jalqabuus, bara 1991 yeroo Addi Bilisummaa Oromoo mootummaa ceehumsaa keessa turetti rakkoo fi roorroon uummata Oromoo irratti hammachuu fi innis tuffii fi roorroon sun irra gahaa wan guddateef gara Baha Oromiyaa deemee waraana bilisummaa Oromiitti dabalame .
Kunii fii seenaan isaa hedduun sagantaa yaadannoo tibba darbe jaarmaayaan haawaasa Oromoo gama interneetitiin qopheessef irratti dubbifame. Sababa weerara vaayrasii koronaatiif jecha uggurri manaa in bahinaa namoonni walitti dhufaanii an du’e awwaalachuu fi wajjin gadduun dhowwaa yeroo ta’etti teeknolojiidhan geggeeffame sirni yaadannoo artiisti Guutuu.
Dura teechuun Jaarmayaa Hawaasa Oromoo Aaddee Jente Adam saganticha oggaa jalqabsiisan “Ilma jagna dhabne. Gadda guddaatu nutti dhagahame,” jedhan.
“Ilma jagna dhabne. Gadda guddaatu nutti dhagahame,”
Gara seenaa qabsoo isaatti hoo deebine, jalqaba sagaltammanii keessa gara Baha Oromiyattii imalee leenjii fudhatee irbuu seenee Waraana Bilisummaa Oromoo keesstti qabsahaa odoo jiru, Bara 1992 Addi Bilisummaa Oromoo mootummaa cehumsaa keessaa baanan harka diinaa odoo in galin qehuma abbaa fi haadhaa, Finfinneetti deebi’e.
Deebi’es mana in teenye jedhan. Bandii Gadaatti dabalamee, gama aartiitiin tajaajilii jalqabe. Artiisti Guutuun sagaleedhan sirbuu qofas mitii, dandeettii meeshaawwan muuziqaa akka dibbee, orgaanii fi gitaarii tabachuu qaba. Amma biyyaa bahutti, dura taa’a bandii Gadaa ta’ee tajaajilaa turuu seenan isa agarsiisa.
“Hawaasa Oromoo naannoo Waashingitan Diisiitif qabeenyaa fi utubaa ture.”
Bara 2004 Ameerikaa dhufee Hawaasa Oromoo Waashingitan Diisii maatii godhate. Miseensa Koree Boordii Jarmaayaa Hawaasa Oromootii qabee, Waldaa Qorannoo Oromoo, Konyaa ABO Waashingitan Diisii, Waldaalee Amantaa, Ayyaana Gubaa fi Irreechaa, fi dhaabbilee adda addaa keessatti gummaach godhaa turuu jiraatonnii naannoo magaala Waashingitan Diisii dhugaa bahan.
Artiisti Geetuu Lammii Warra isaatiif ilma angafa. “Haatii fi oboleessi isaa Finfinnee jiraatan oggoota 20 darbaniif qarqaarsa isaatin jirachaa turan, amma garuu rakkinaaf saaxilamuu insaniti,” an jedhan hiriyaan Guutuu, haawaasni Oromoo maatii nama uummata ofii tajaajla ture kanaa akka kunuunsu gaafatan.
Jalallii fi kabajni inni Oromoof Oromummaaf qabu adda akk ta’e namoonni sagantaa qophaahe irratti dubbatan ragaa bahan. Feedhii fi abdiin isaa Oromiyaa bilisoomte arguu ture. Sirboonni isaa baayinaan wayee Oromoo fi oromiyaa akka ture, haawaasni inni keessaa ture an dhugaa baheef.
Artiisti Guutuun yeroo uggurri manaa in bahinaa jiru kanatti lubbuun isaa darbus Hawaasni Oromoo naannoo Waashingitan Diisii teeknoolojii fayyadamuudhan qophii yaadannoo namoota gara 75 hirmaachise godheefira.
Artiisti Guutuun nama umuriin oggaa 50 ture.