Goodayyaan, aadaa sirna Gadaa Boorana keessatti bakka guddaa qabuudha. Sirni kun sirna Gadaa keessatti ka sadarkaan keessa darbamu ta’ee gaggeessaa biyyaa boruuf ka ittiin guddisaniidhas.
Kaaba Keeniyaa kutaa bulchiinsa maarsabiit jedhamtunni hidhattoonni namoota 13 ajjeesan. Jiraattonni fi Abbaan Araddaa yakki kun keessatti raawwatame namoota 13 keessaa sadii miseensa poolisii keeniyaati jedhan.
Wal dhabdeen WBO fi Mootummaa Itiyoophiyaa jidduu jiru ammas itti jira. Keessumaa lixaa fi kibba Oromiyaatti haalli kun ammas jiraattota rakkoo gara garaaf saaxilaati jira.
Bu’aan lakkoofsa ummata Keeniyaa ka bara 2019 harra labsameera. Waajjirri Istaatistiiksii Keeniyaa gabaasa lakkoofsaa kana Pirezdentii biyyattiif dhiyeessee jira.
Godinaalee Booranaa fi Gujii Bahaa keessatti rakkoo nageenyaan wal qabatee ammas jalqaba torbee kanaa namootni humna naga kabachiiftota mootummaan to’annaa jela oolfamuu jiraattonni Sagalee Ameerikaaf dubbatan.
Hiwumaan Raayts Wooch fi dhaabbatni Amneestii Internaashinaal taanzaaaniyaan keessatti bara 2015 as qabiinsi mirga namoomaa hammaachaa akka dhufe dubbatan.
Keeniyaan ijaarsa daandii baaburaa Doolaara Biiliyoona 1.5 itti baaste eebbisiiste. Prezdentiin biyyattii Uhuuruu Keeniyaattaa kaleessa Projektii kana yoo eebbisiisan diinagdee biyyattiitiif waan murteessaa ta’uu dubbatan.
Sanbata darbe kana Godina Gujii Bahaa Aanaa Gumii ELdalloo keessatti hidhattoonni maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon socho’uu jedhaman namoota lama, Godina Booranaa Aanaa Dhaas keessatti ammoo namoota afur ajjeesuu isaanii jiraattonni Sagalee Ameerikaaf himaniiru.
‘Barnootni kun Introduction to Gadaa System jedhama.
Bokkaan Kaaba Keeniyaa fi Godina Booranaa ka Itiyoophiyaatti roobaa jiru jiraattotarraan miidhaa geessisaa jira. Keessumaa Keeniyaa kutaa bulchiinsa maarsabiitti bokkaan jidduu kana robe kaleessa mana nama 192 ol akka mancaase anagawi naannichaa VOA’f himaniiru. Galmoo Daawit.
Jiraattonni Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaa raayyaan ittisa biyyaa hojii nageenya naannoo kabachiisu jimaata dabre kana aanichatti namoota sadii ajjeeseera jedhu.
Godina Booranaa, anaa Areerotti humni hidhannoon naannoo sana socho’u humna naga-eegumsaa mootummaa irratti dhukaasa baneen namni shan du’uu bulchaan godinichaa dubbatanii jiru.
Keeniyaa magaalaa Naayroobitti manni barumsaa tokko ijoollee kutaa barataa jiran irratti jigee lubbuun barattoota 7 battalumatti darbe. Barattoonni 57 kaanis miidhaan irra dhaqqabuu mootummaan biyyattii beeksiseera
Caalaa agarsiisi