FINFINNEE —
Rakkoo biyya Itiyoophiyaa furuuf deemsaa seeraa qofa osoo hin taane mariin biyyaleessa fi falli siyaasaa barbaachisaadha jedhu, Dura ta'an Kongiresii Federaalawaa Oromoo Piroofeeser Maraaraa Guddinaa.
Haati alangaa waliigalaa Federaala Itiyoophiyaa Aadde Adaanech Abeebe immoo gama isaaniitiin mariin barbaachisaa ta'us olaantummaa seeraa kabajuun dirqama, jedhu.
Sababa weerara Koroonaaf jecha yeroo filannoo dabarsuu fi dhimmoota sanatti hidhata qaban ka biroo irratti faloota lafa kaa’aman ilaalchisee, Muktaar Jamaal lameen waliin marii geggeessee jira.