Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jarman, Yunaaytid Isteets, Neezerlaandis, Kanaadaa, Swiidiin; Mormii Lammiiwwan Oromoo Biyya Alaa Jiraatanii


Lammiiwwan Oromoo biyyaa alaa jiraatan qophiiwwaan yaadannoo artiist Haacaaluu Hundeessaa fi mormii geggeessuu itti fufan.
Lammiiwwan Oromoo biyyaa alaa jiraatan qophiiwwaan yaadannoo artiist Haacaaluu Hundeessaa fi mormii geggeessuu itti fufan.

Rasaasaan dhawamee ajjeefamuu Artistii beekamaa Haacaaluu Hundeessaa ilaalchisee, gaddi shaamaa mormii ibsuu, sirni yaadannoo artistichaa fi mormiilee magaalaalee fi kutaalee adda addaa as Yunaayitid Isteetis, Kaanadaa, Biriteen, Jarmanii, Siwiidin fi Nezelaands keessatti guyyoota sadi’iif walitti fufee geggeessamee jira.

Jarman, Yunaaytid Isteets, Neezerlaandis, Kaanaadaa, Swiidiin; Mormii Lammiiwwan Oromoo Biyya Alaa Jiraatanii
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:07 0:00

Sirni yaadannoo halkan dabre Minisootaatti geggeessame isa guddicha. Ajjeefamuu Artist Hacaaluu tii booda, hooganoonni siyaasaa Obbo Jawaar Mohammed fi Obbo Beqqelee Garbaa hidhamuu, akkasumas, haala hamaa Oromiyaa keessatti deemaa jira – jedhanis balaaleffatanii jiran, dhalattoonni Oromoo kun.

Bulchaa kutaa sanaa fi bulchitoota magaalaa dabalee aangawoonni Yunaayitid Isteetis, ajjeechaa Artist Haacaaluu irratti raaw’atametti guddaa gadduu isaanii ibsuun, tumsa isaanii barreessanii jiran.

Sirna dungoo ibsuu, Hiiwstan Teeksaas
Sirna dungoo ibsuu, Hiiwstan Teeksaas

Godina Teeksaas magaala Hiwstan keessattis sirni yaadannoo artiis Haacaaluu bifa kanaan qophaahuu dargaggoon saganticha irratti hirmaate, Eebbaa Murtii Sagalee Ameerikaatif ibseera.

XS
SM
MD
LG