Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaadhimamtoonni Itti aantoota Pireezidaantii kan Doonaaldi Tiraampii fi Kaamalaa Haaris Falmii Duula na Filadhaa Taasisaniiru


Kaadhimaamaa Itti aanaa pireezidaantii warra Rippaabulikaanii Seenator Jee Dii Vaansi fi Kaadhimamaa itti aanaan Pireezidaantii paartii warra Dimookiraatootaa ,bulchaan kutaa Minisoootaa Tiim Wooltis walfalmii madda oduu CBS-n qophaahe irratti, Niiw Yoork, Onk 12024.
Kaadhimaamaa Itti aanaa pireezidaantii warra Rippaabulikaanii Seenator Jee Dii Vaansi fi Kaadhimamaa itti aanaan Pireezidaantii paartii warra Dimookiraatootaa ,bulchaan kutaa Minisoootaa Tiim Wooltis walfalmii madda oduu CBS-n qophaahe irratti, Niiw Yoork, Onk 12024.

Falmiin kaadhimatoonni lamaan taasisan kan jalqabaa yommuu ta’u kana qofaadhas jedhameera. Yeroon filanoon itti taasifamuuf jiru Ji’i tokko qofaan hafetti Senaatar Jee Dii Vaansi bakka bu’aan Ohaayoo fi kaadhimamaan itti aanaa pireezidaantii paartii warra Rippaabulikaanii kan pireezidaantii duraanii Donaaldi Tiraampi waliinii fi Tiim Waalzi bulchaan Minisootaa , kaadhimamaan itti aanaa paartii warra Dimookiraatootaa dhimmoota biyyoota baha gidduu galeessa, Jijjiirama qilleensaa , Immigireeshinii, Ulfa baasuu, Diinagdee, Jeequmsa meeshaa waraanaa (Qawwee) fi kanneen biroo irratti falmii siaanii karaa foddaa Teleevizhiyoonaan kallattiin tamsaafame taasisaniiru.

Falmichi kan jalqabsiifame gaaffii haala wal waraansa biyyoota baha gidduu galeessaa irratti kan xiyyeeffate addatti Iraan Kibxata Israa’eel irratti haleellaa Misa’eelaa raawwatteen yommuun ta’u Jee Dii Vaansi bulchinsi Baayideenii fi Haaris Iraaniif fandii maallaqaa kennaniiru jechuun himannaa irratti dhiyyeesseera. Itti dabaluunis diinoonni Ameerikaa kan akka Iraan , Raashiyaa fi Chaayinaa Imaammata bulchiinsa Baayideenii fi Haariis akkasumas hanqina hooggansaa irraa kan ka’e ija jabina argatanis jedhe.

Kaadhimaamaa Itti aanaa pireezidaantii warra Dimookiraatootaa ,bulchaan kutaa Minisoootaa Tiim Wooltis walfalmii madda oduu CBS-n qophaahe irratti, Niiw Yoork, Onk 12024.
Kaadhimaamaa Itti aanaa pireezidaantii warra Dimookiraatootaa ,bulchaan kutaa Minisoootaa Tiim Wooltis walfalmii madda oduu CBS-n qophaahe irratti, Niiw Yoork, Onk 12024.

Kaadhimammaan itti aanaa pireezidaantii warra Dimookiraatii Waalzi immoo gama isaan Doonaaldi Tiraampi Ameerikaa fi Michoonni ishee imaammata Iraan irratti qaban gara duubaatti deebisuu isaatiin waanti hunduu bakka isaa hin jiru jechuun Tiraampi irratti himannaa dhiyyeesseera. Iraan gara meeshaa waraanaa Niwuukiraaliitti yeroo kamiyyuu caalaa dhiyyaattetti kan jedhe Tiim Waalzi kunis hooggans Tiraampi isa ejjennoo hin qabne irraa dhufes jedhe. Tiraampi imaammata alaa irratti hin dhimmamne jechuunis qeeqa irratti dhiyyeesseera. Yeroo Iraan xiyyaara Ameerikaa kuffisteetti fi Misaa’eloonni ishee bakka humni waraanaa Ameerikaa buufatee jiru cinaatti furguggifame loltooni Ameerikaa miidhamanii jiranitti barreeffama Tiwuuterii isaarraatti maxxanseen “Mataa dhukkubbii” jedhe jechuunis Tiraampiin balaaleffate.

Kaadhimaamaa Itti aanaa pireezidaantii warra Rippaabulikaanii Seenator Jee Dii Vaansi walfalmii madda oduu CBS-n qophaahe irratti, Niiw Yoork, Onk 12024.
Kaadhimaamaa Itti aanaa pireezidaantii warra Rippaabulikaanii Seenator Jee Dii Vaansi walfalmii madda oduu CBS-n qophaahe irratti, Niiw Yoork, Onk 12024.

Gaaffii falmii isaaniif dhiyyate inni ijoon biraan dhimma Immigireeshinii yommuu ta’u Vaansi, Kaamalaa Haaris daangaa banuun namoonni seeraan ala akka seenan kan jajjabeessee fi namoota qoricha sammuu adoochu daldalaniif kaara saaqe jechuun komate.

Waalzi immoo gama isaan seera manni maree lamaan dhimma Immigireeshinii ilaalchisuun irratti walii galan kan cabse Doonaaldi Tiraampidha jedhe.
Dhimma jeequmsa hidhannoo meeshaa waraanaa ( Qawwee) kan ilaaleen Jee Dii Vaansi manneen barnootaa nageenyi isaanii akka eegamuuf waamicha dhiyyeessuun, Ijoollee keenya abdiidhaan gara mana barumsaatti ergiana , garuummoo weerara halleellaa mana barumsaa keessatti taasifamaa jiruu irratti hojjechuutu nurraa eegamas jedheera.

Manneen barnootaa bakka da’annoo ykan dhoksaa ta’uu hin qaban kan jedhe Tiim Waalzi , mucaan koo rasaasaan rukkutamuu isaaf ani dhugaa baatuudha jechuun miidhaa meeshaa hidhachuun qabu dubbatee itti gaafatamummaan jalqabaas nageenya ijoollee egsiisudha jedhe.

Forum

XS
SM
MD
LG