Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbatni ABUT Debretsiyooniin  Hoogganamu Obbo Geetaachoo Pireezidaantumma Bulchiisa Yeroofii Tigiraay Irraa Kaase Jedhe


FAAYILII - Walgahii Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay
FAAYILII - Walgahii Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay

Dhaabni adda bilisa baasaa uummata Tigiraay Doktor Debiretsiyoon G/Mikaa’eeliin hoogganamu ibsa har’a baaseen Obbo Geetachoo Raddaa dabalatee hooggantoonni 13 kanneen yaa’ii dhaabichaa walii galaa yeroo darbee irratti hin hirmaanne guyyaa har’aa irraa kaasanii aangoo isaaniirraa kaafamaniiru jedha. Bulchiinsi yeroo naannichaa walii galteen Piriitooriyaa akka hojiirra oolu, Hjii deebisanii ijaaruu jalqabsiisuu fi filannoo itti aanuuf haala mijataa qopheessuun osoo irraa eegamuu hojii ganumsaa fi siyaasaa shiraa irratti xiyyeeffatee ture jechuun himannaa irratti dhiyyeesseera.

Namoota 13 maqaan eeraman keessaa Obbo Beyyenee Mekiruu, Obbo Reddaa’ii Halefoom , Piroofesar Kindayaa G/Hiwoot, Doktor Hagoos Godofaay dabalatee kanneen biroo bakka bu’ummaa dhaaba adda bilisa baasaa uummata Tigiraayiin aangoo irra turan irraa kaafamaniiru jedha ibsichi. Kaabinoota aangoo mootummaa yeroo naannicha irraa kaafaman bakka isaanii namoonni haaraan kanneen akka Amaanu’eel Aseffaa, Doktar Abiraaha Tekistee, Obbo Tekilaay G/Medihiin fi kanneen biroo ramadamuus ibsee bakka Obbo Geetachoo Raddaa eenyutu muudama isa jedhuuf garuu mootummaa Federaalaa fi kanneen dhimmichi isaan ilaallatu waliin dubbatamas jedheera.

FAAYILII - Pirezdaantii Bulchiinsa Yeroo Nannoo Tigiraay, Obbo Getaachoo Raddaa walgahii irratti.
FAAYILII - Pirezdaantii Bulchiinsa Yeroo Nannoo Tigiraay, Obbo Getaachoo Raddaa walgahii irratti.

Gareen Adda bilisa baasaa uummata Tigiraay Obbo Geetacho Raddaan hoogganamu kan aangoo irraa kafaamuun ibsi irratti ba’erraa yaada argachuuf yaaliin har’aaf taasifne hin milkoofne. Garuummoo yaa’ii walii galaa garee Doktor Debiretsiyoon faa’aa booda wal ga’ii kan taasise garichi, yaa’iin Doktora Debiretsiyoonfaa seeraan ala jedhee murtoon inni murteessus fudhatama hin qabaatu jedhee ture jechuun Maqalee irraa Muluugeetaa Atsibahaatu gaabase.

Gama biraatiin, bulchiinsi yeroo kan naannoo Tigraay galgala kana ibsa baaseen Dr. Debretsiyoonfaa irratti tarkaanfiin fudhadha jedhe. Ibsi bulchiinsichaa akka jedhutti humni kun guyyaa har’aa mul’inatti fonqolcha mootummaa labse jechuun yakke. Tigraay keessatti jeeqama uumuuf karoorfamee kan raawwatame adeemsa itti gaafatamni itti hanqatu jechuu dhaan murtee garee Dr. Debretsiyoon balaaleffatee jira.

Bulchiinsichi kana dura nageenya uummataaf jecha yaadii dhimmoota inni bira tare akka dadhabinaatti lakaa’an kan jedhe ibsichi, isa ammaa garuu obsaan darbuun hin danda’amu jedhe. Bulchiinsichi yeroo hooggana garee badii ittiin jedhe irratti tarkaanfii fudhachuu akka jalqabus beeksisee jira. adeemsa kanaan badii uumamu kamiifuu gareen kunii fi hooggansi isaa itti gaafatamaa ta’uu uummata keenyaaf ibsuu barbaanna jedha ibsichi.

Forum

XS
SM
MD
LG