Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beenjaamiin Naataniyaahuu mana murtiitti dhihaatan


Muumeen ministeeraa Israa’el duraanii Beenjamiin Natiniyaahuu,Sadaasa 16, 2021
Muumeen ministeeraa Israa’el duraanii Beenjamiin Natiniyaahuu,Sadaasa 16, 2021

Muumeen ministeeraa Israa’el duraanii Beenjamiin Natiniyaahuu, ji’a 6 keessatti yeroo jalqabaatiif himannaa kachanchalummaa irratti dhihaate falmachuudhaaf mana murtiitti dhihaataniiru.

Naataniyaahuun yemmuu mana murtiitti dhihaatan Abukaatoo isaani, ilama isaanii isaa quxisuudhaaf degertoota paartii isaanii amma tokkoon marsamanii akka ta’ee gabaasameera .

Gargaaraa isaanii kan turan Nir Hefetz yakkichaa ilaalchisee dhuga-bahuumsii isaanii waan abukaatotaa Naataniyaahuu irraa mormiin seeraa itti dhihaateef torban dhufutti beelamnii biraa kennameeraaf.

Nataniyaahuun waliin dhauudhaan ,amantaa cabsuudha fi mattaa fudhachuudhaan yakkaa adda addaa 3n himatamanus , himanna hundumaa haalaniiru. Himannaan naataniyaahuu irratii dhihaatee ilaalamuu kan jalqabe bara 2020 ta’us sababa Kooviid 19n turuu danda’eera.

Nataniyaahuun yeroo afuraffaadhaaf muummee ministeeraa mootummaa israa’el ta’nii filatamuu erga dadhabanii booda caffee mootummaa biyyatti keessaati hogganaa paartii mormitootaa ta’nii hojjachaa jiru.

XS
SM
MD
LG