Hiriirtonni wahsington Dc keessaa bakka National Mall jedhamutti kan wal ga’an ennaa ta’u hiriitumti wal fakkaatu guutuu addunyaa adda addaa keessatti illee geggeessamee jira. Kaayyoon isaas prezidaantichi haarwaan sagalee isaanii akka dhaga’an mirkaneeffachuuf jecha.
Hiritonni kun irra hedduun koofiyaa bifa abaabo roosaa qabu keeyyatan kuma dhibba hedduutti laka’amu.
Faaruu adda addaa dhageessisaa fi mallattoolee garaagaraa kanneen qabatan dubartoonni kutaalee US adda addaa irraa walitti dhufan kun sagalee isaanii dhageesisanii jiru.
Namoota polotiikaa, taatolee fi sirbitoonni mormii prezidaanticha haaraaf qaban dhageesisaniiru.
Qabsooftuu mirga namaa beekamtuu kan dhaloota amma jiru duaa a’an hiriira kana irratti akka dubbatanitti hiriirtonni kun qabsoo isaanii sadarkaa addunyaan ga’uu qabu. Kun guyyaa tokko qofa, isaan ol haa ta’u jedhan.
Donald Trump kakatanii aangoo erga qabatanii sa’aatii 24 booda dubartoonni fi dhiironni kuma hedduutti laka’aman daandii irratti ba’uu dhaan prezidaantichi haaraan safuu fi mul’ata Ameerikaaf qabaniif kan qabsaa’an ta’uu akka isaan hubatan ibsanii jiru.
Deggertoonni Trump xiqqoon Washington keessatti wal ga’anii deggersa prezidaanticha haaraaf qaban ibsaniiru.
Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa