Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Sanbata Darbee Irrtti Lubbuun Namaa Darbee Kaanis Madaa’anii Hedduun Hidhaman Jedhu Jiraattonni


Hiriira mormii Oromiyaa, Hagayya 2016
Hiriira mormii Oromiyaa, Hagayya 2016

​Hiriirri guddaan guutummaa Oromiyaa godinaalee fi aanaalee addaa addaa keessatti sanbata darbe geggeeffame ilaalchisee jiraattota magaalaalee adda addaa haasofsiisnee hiriirri sun attamiin akka geggeessame nuuf ibsanii jiru.

Namoota madaa’anii fi du’an jedhaman ilaalchisuu dhaanis hospitaala irraa deebii hanga tokko argannee jirra. Qama mootummaatti bilbiluunis deebii argachuuf yaaliin goone milkaa’uu baatus quunnamuu yaallee jirra. Hiriirri Sanbata darbe mangaalaa Naqamtee keessatti geggeessame irratti Abbaan Gadaa fi Abbaan Bokkuu kan isaan dursan ta’uu kan dubbatan jiraattonni kun, humnoonni mootummaa garuu jaarsolii kana harkaa ulee isaanii harkaa fuudhaanii marga isaan qabatanii turan harkaa facaasuu dhaan reebanii mana hidhaatti darban jedhu.

Namoonni kudhanii ol hiriira kana irratti rasaasaan rkutumanii kan du’an ta’uu jiraattonni ennaa ibsan Hospitaalli Naqamtees lakkoobsa namoota du’anii gara mana yaalaa Sanatti geessamanii kudhanii ol ta’uu mirkaneessee jira. Akkuma Kanaan Dadar, Qobboo, Dodolaa fi Finfinnee dabalatee hiriira geggeessame irratti lubbuun namaa darbuu hedduun madaa’uu fi hedduun mana hidhaatti darbamuu jiraattonni nuu ibsanii jiru.

Hiriira Sanbata Darbee Irrtti Lubbuun Namaa Darbee Kaanis Madaa’anii Hedduun Hidhaman Jedhu Jiraattonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:36 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG