Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dhimma Alaa Israa’el Wixinee Walitti Bu’iinsa Libaanon Dhaaabsisuuf Dhiyaate Fudhatama Dhabsiisan


Haleellaa Israa'el booda suuraa hogganaa Hezboolaah Hasan Nasrallaah bakka haleellan dhaqqabetti,Fulb. 26, 2024.
Haleellaa Israa'el booda suuraa hogganaa Hezboolaah Hasan Nasrallaah bakka haleellan dhaqqabetti,Fulb. 26, 2024.

Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Israa’el Kaatz, Gamtaan Awurooppaa, Yunaayitid Isteetis, Faransaayii fi biyyoonni saddeet biroo lolli guyyoota 21f akka dhaabbatu erga gaafatanii sa’aatii muraasa booda hanga injifannoo gonfannuu fi jiraattonni gama kaabaa nagaan gara qe’ee isaaniitti deebi’anitti humna keenya hundaan dhaabbata shororkeessummaa Hezbollaah irratti qabsaa’uu itti fufna jechuun Kaatz fuula miidiyaa hawaasaa X irratti barreessuun beeksisaniiru.

Yeroo muraasa booda immoo, waraanni Israa’el magaalaa guddoo Libaanon Beeruti irratti haleellaa hamaa geggeessaa turuu isaa beeksise. Sagaleen dho’iinsaa kan dhaga’ame yoo ta’u, naannoo magaalaa guddoo kibbaa, wiirtuu Hizbullaah jedhamuun beekamu keessatti aarri samiitti ol ka’aa jiru mul’ateera. Waajjirri muummicha Ministira Israa’el Beenjaminn Netaaniyaahuu yaada dhukaasa dhaabuu dhihaateef deebii kan kennine ta’uu isaaf, akkasumas waraanni Israa’el humna guutuu dhaan akka lola itti fufu qajeelfama kennuu isaanii ibseera.

Yaadni dhukaasa dhaabuu kun Roobii galgala ibsa ba’een kan beeksisame yoo ta’u wal-dhabdeen Israa’elii fi garee hidhattoota Hezbollaah gidduu jiru kan obsa namaa hin kenninee fi balaa fudhatama hin qabne kan naannoo bal’aa fi hamaa ta’e fida jedhee jira. Muummichi barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guterees qaama maraaf ergaa dabarsaniin, sagalee tokkoon ajjeechaa fi qabeenyaa mancaasuun haa dhaabatu jedha jedhan.

Washingten keessaa immoo, angawoonni Waraanaa diplomaasii fi muddama jiru gad xiqqeessuu fi amma iyyuu yeroon jira jechuun cimsanii dubbatan. Itti aantuun itti gaafatamtuun presii Pentaagon Sabriinaa Siing akka jedhanitti waraanni Israa’el sochii Libaanon keessatti taasisuuf waraanni Yunaayitid Isteetis deggersa basaasaas ta’e waraanaa kan hin kennine ta’uu ibsanii, furmaata diplomaasummaa arguu barbaanna, kanas hatattamaan arguu barbaanna jedhan.

Lolli kun tilmaama dogoggoraa fi tarkaanfii dogoggoraa fudhatamu waliin ta’uun walitti bu’iinsa balaa qabu fiduu akka danda’u angawoonni Yunaayitid Isteetis Yaaddoo qaban ibsaniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG