Erga mallatteeffamee waggaa lama kan guute Walaiigaltee Pritooriyaaa ilaalchisee Mininisteerri Haajaa Alaa Yunaaytid Isteetis, Antonii Bliinkan, ibsa baasaniin "buqaatoonni gara qe’ee isaaniitti deebi’aniiru, akkasumas tajaajiloonni bu’uuraas deebifamaniiru," jechuun isaanii haala qabatamaa lafa sana irra jiru hubannaa keessaa kan galchee mitii jechuun paartileen siyaasaa Tigraay sadi ibsanii jiru.
Waliigaltee tolfame guutummaatti hojii irra olchuuf dhimmooti irratti hin hojjatamiin akka jiran Bliinkan ibsanii, dhukaasii dhaabachuu illee hubachiisan. Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) kaleessa galgala ibsa baaseen haga ammaatti keessumaa Tigraay Dhiyaatti buqqaatonni akka hin deebi’iin ibsee deebisuuf immoo wal amantaa jiraatee, nageenya argamsiisuuf raayyaa ittisaa kan Itiyoophiyaan ala humnootiin jiran akka walii galtee tolfamee sanaatti naannoo sanii ba’uu qabu jedha.
Addi Bilisummaa Uummata Tigraay ibsa Feesbuukii ofii irratti baaseen mootummaan Yunaaytid Isteetis waliigalteen Pritoriyaa akka hojii irra oluuf yaalii gochaa jiru dinqisifachuudhaan mariin siyaasaa hatattamaan jalqabamuu akka qabu gorsee, kunis madda rakkoo jiruu baruun furmaata argachuuf gargaara jedheera.
Bliinkan ibsa baasan kanaan mootummaan Itiyoophiyaa sababaa wal waraansaan kanneen manaa fi qe’e irraa godaanan akka iddoo isaanti deebisu, raayyaa ittisa biyyaa irraa kan hafee humnootiin Tigraay keessa jiran baasuu, akkasumas, miidhamtoota giddu galeessa kan godhatee mariin ce’uumsa haqaa fi amansiisaa ta’e kan biyyooleessaa akka gaggeeffamu gaafachuu isaanii Muluugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jra.
Paartiin Saalsaay Wayaana Tigraay fi Wudib Natsnat Tigaraay akka jedhanti ibsii Antonii Bliinkanbaasan rakkoo buqqaatootaa akka itti fufuu taasiisa jedhaniiru.
Forum