Rakkooleen Oromiyaa Lixaa fi Kibbaa Keessatti Mul’atan Akka Karaa Nagaa Furaman Mootummaa Gaafanne, Jedha Koreen Fala Barbaachaa  

Koreen Fala Barbaachaa Oromoo fi Oromiyaa, rakkooleen nagaa Oromiyaa Lixaa fi Kibbaatti mu’atan akka furamu Mootummaa gaafachuu beeksise.

Walitti qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromiyaa Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa qabxiiwwan ijoo jaha Pirezidaantii Naannoo Oromiyaaf dhiyeessuu isaanii fi garagalcha isaas waajjira Muummee ministraa fi qaamolee dhimmi ilaallatuuf erguu isaanii dubbatan.

Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa mariidhaan waan abbootiin jedhanitti waliigaluu isaanii himanii jiran.

Mootummaan “qaama hidhatee socho’uuf waamicha marii karaa nagaa dhiheessus hanga yoonaa deebii hin arganne, jedhu ,Obbo Getaachoon.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Rakkooleen Oromiyaa Lixaa fi Kibbaa Keessatti Mul’atan Akka Karaa Nagaa Furaman Mootummaa Gaafanne, Jedha Koreen Fala Barbaachaa