Namoonni Yaaddoo Nageenyaa Qabnu Irraa Anfilloo Irraa Buqqaane Jedhan Gaambellaa Buufatanii Akka Jiran Dubbatu 

Faayilii - Oromiyaa Lixaa

Godinaa Qellam Wallaggaa aanaa Anfilloo keessaa namootni 370 tahan yaaddoo nageenya qaban irraa kana kahe gara naannoo Gaambeellaatti baqachuu isaanii, namoota gara Gaambeellaatti baqanne jedhan keessaa hagi tokko ibsan.

“Riphxee-loltoota Waraana Bilisummaa jalaa dheessuuf Anfillootii baane” jechuun VOAtti himan, namoonni kun.

Komishiniin hooggansa Sodaa Balaa Naannoo Gaambeellaa “namoota Anfillootii qe’ee ofii irraa buqqa’aniif dhaabbileen miti mootummaa deggersa gochaa jiru” jechan.

Gama biraan garuu, Komishiniin Hooggansa Sodaa Balaa Naannoo Oromiyaa, dhimma namoonni buqqa’am jedhamee quba hin qabu" jechuun deebii kenne. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Namoonni Yaaddoo Nageenyaa Qabnu Irraa Anfilloo Irraa Buqqaane Jedhan Gaambellaa Buufatanii Akka Jiran Dubbatu