Bulchiisota naannoo Tigiraay fi Benishaangul Gumuz keessatti haleellaa raaw’atameen lammiilee miidhamaniif bakkawwan gargaarsi barbaachisu ka dhaqqabaa jiru tahuu Ministarri Nagaa Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.
Your browser doesn’t support HTML5
Naannoo Tigiraayitti lammiwwan miliyoona lamaa fi kuma dhibba shanii oliif gargaarsi akka barbaachisullee ministirichi ibsee jira.
Koree Ministarootaa rakkoo hatattamaa mudateef deebii kennuuf hundeessame kan hoogganan, aadde Muferiyaat Kamiil, gargaarsa namoomaa fi deebisanii ijaarsaa korichi hordofaa jiru ilaalchisee har’aa gaazzexeessotaaf kan ibsa kennan yoo tahu, bakkawwan barnootni irraa citee jiru keessattis barnootni akka jalqabamu hojjetamaa jira, jechuun ibsa kana keessatti dubbatanii jiran.