Dararaa Gurra Namaatti Ulfaatu Dubbachuun Rakkisaa Dha. Dargaggoo Kaffiyaaloo Tafarraa

  • Jaallannee Gammadaa

Kaffiyaaloo Tafarraa

Waxabajjii 15 bara 2018 ykn Jimaata darbe hidhamtoonni 304 mana hidhaa Qaallitti keessaa kan gadhiifaman yoo ta’u kanneen keessaa sadii lammiiwwan Keeniyaa ta’uun gabaafamee jira.

Warra gadhiifaman kana keessaa 289 himannaa shororkeessummaan himatamaanii adabi du’aa fi hidhaan umurii guutuu kan irratti murame keessatti argamu.

Kana gadhiifaman keessaa tokko kan ta’e kan miilli isaa lamaan mana hidhaa keessatti irraa kutame dargaggoo KaffiYaaloo Abarraa waggootii darban kudha lamaaf hidhame. Keessumaa Milli isaa Inni mirgaa fayyaa akka turee fi yeroo sadii irra deddebi’uun kutamuu ibsee jira.

Dararaa isaan ana irratti gaggeessan dubbachuun gurra nama dhaggeeffatuutti kan ulfaatu, waan namni dhaga’uu hin qabnee fi waan aadaa keenyaan alaati jedha Kafyaaloon.

Gaaf-tokko akka jijjiramni dhufu nan amana. Garuu dararaa hamaa ana irra ga’e irraa ka’uun umrii dheeradhee lubbuun jiraadhee jijjirama kana nan arga jedhee gonkumaa yaadee hin beeku jedha.

Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Dararaa Gurra Namaatti Ulfaatu Dubbachuun Rakkisaa Dha. Dargaggoo Kaffiyaaloo Tafarraa