Haga Ammaatti Lammiileen Keeniyaa 5,000 ol Dhukkuba Vaayrasii Koronaatiin Du'uun Ibsame

  • VOA

Prezidaantii keeniyaa, Uhuruu Keeniyaataa

Dhibeen Kooviid 19 amma ammaatti adduunyaa irra lubbuu namoottan Miiliyoonaa 4 fi qabxii 7 dabarse, lubbuu lamiilee keeniyaa 5000 galafachuu isaa prezidaantiin keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa himaniiruu.

Walgahiii dhaabbata mootummoota gamtoomanii 76ffaa irrattii hasaa karaa masaaritiin kan godhanii keeniyaataan akka jedhanitti, tajaajillii talaallii dhibee koroonaa akka walqixaa nama hundaaf mijachuu qabu hubachisaniiru.

Kooviid 19 sadarkaa idilee aduunyaatti Imala , Turizimii , raabsamaa mi’aa fi inveestimeentii hubuudhaan dinagdee adduunyaa irratti midhaa guddaa geesisaa jira kan jedhan keeniyaataan, sirinii adduunyaa namoottan hundaaf , kutaalee hunda keessattii karaa daldalaatif sammuu omishaatiin walqixa ojjachaa hin jiru jedhaniiru.

Dimmaa babala’iinsaa fayinaanisii seeraan alaa fi meeshaalee waraanaa seeraan alaa kan kaasaan keniyaataan, bara kana ji’a onkololesaa keessa biyyi isaanii prezidaantumma mana maree nageenyaa mootumootaa gamtoomanii akka fudhatu ibsaniiru.

Yemuu biyyi isaanii prezidaantumaa mana maree nageenyaa fudhattu keessumaa wa’ee nageenyaa adduunyaatiin walqabatee waan dursamuu qaban irratii biyyii isaanii akka itti yaadaa jirtu dubbataniiru.