Hiriirtonni Sudaan Kanneen Itti Dhukaasan Seeratti Akka Dhihaatan Gaafatan

  • VOA

Mormii Sudaan (suuraa faayilii)

Erga umnii tikaa biyyattii dhukaasa bane lubbuun namoota lamaa darbee boodaa mormitoonnii mootummaa sudaan haqa gaafachuu itti fufuudhaan, mootumaa ce’uumsaa biyyatii yaaddoo keesa galchuun isaanii beekameera.

Guyyaa dheengaddaa sudaanonnii heeedduuna hiriiraa bahanii, hidhatoonii mootumaa hiriira sana bittineesuudhaaf dhukaasa bananiin namoonii lama du’anii kan biro akka madaa’an gabasameera.

Sababbinii hirira sanaas wagga lamman baranaa waxabajjii 3 /2019 mormitoonii degertoota demokiraasii mooraa waraanaa biyyattii marsanii yemmoo mormii dhageesisan, dhukaasa itti banameen namoota dhaibaan lakkewaman du’uun yaadachuudhaaf .

Qibxataa darbee firootan namoootan yemmuu sana du’anii yaadachuudhaaf jedhanii mooraa waraanaa fuulleetii hiriira bahan.

Ammas loltoonii hiriirota bitinneesuudhaaf dhuukaasa bananii nammii lama du’ee hedduun madaa’anii, warrii biraa mana hidhaattii guuramuu isaanii namoonn ijaan hargan raga bahun isaanii gabaasameeraa.

Dhimmi kun mootummaa ce’uumsaa sudaan waan heduu yaaddesee yemmuu ta’u, waraanii sudaan rasaasinii dhugaa mormitoota irrattii dhuka’uu isaa kan haalee waraan sudaan qorannoo gochuu jalqabuu isaa ibseera.