Prezidaantiin Yaman Duraanii Ajjefaman

  • VOA

Barreessaan muummichi ka Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guteres Yaman keessatti akka walii-galtee lola dhaabinsaa mallatteessamu waamicha dhiyeessan. Prezidaantiin biyyattii duraanii Alii Abdullaa Saaleh ajjeefamuun eega dhaga’amee booda waamicha kana dhiheessan hoogganaan jaarmayicha addunyaa kun.

Umriin isaanii 75 kan ta’e Saaleh yamaniin waggootii soddooma caalaaf bulchan eega turanii booda bara 2012 aangoo irraa darbaman. Sana booda garee riphxeelooltoota Hutti kanne Iraan biraa deggersa qabanti hidhachuun kan addunyaa biraa bekkannoo argatan prezidaant Abduu Raabuu Mansuur Haadi biyyattii keessaa ari’an.

Saaleh dhiyeenya kana Saa’udii waliin hariiroo qaban haareessuuf akka jiran kan dubbatan yoo ta’u riphxeelooltoonni har’a ajjefamuu saaleh labsan akka jedhanti ituu gara Saa’udii deemuuf jedhanii ajjefaman jedhu.

Your browser doesn’t support HTML5

Prezidaantiin Yaman Duraanii Ajjefaman