Uggura Viizaa Yunaayitid Isteetis Aangawoota Itiyoophiyaarra Keesse Jiraattonni Amboo Akkamitti Ilaalan? 

Faayilii - Magaalaan Amboo

Mootummaan Yunaayitid Isteetis angawoota Itoophiyaa fi Ertiraa hookkara naannoo Tigraay keessaa hin dhaabsisne jechuun, uggura viizaa irra kaa’uun yaadota adda addaa kaasaa jira.

Barsiisonnii fi barattootni Yunivarsiitii Amboo akkasumas hawaasni magaalattii tokko tokko uggurichi murtoo sirriidha yoo jedhan, kaan ammoo sirrii miti jedhaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa hariiroo dippiloomaasii fi dhimma alaa ishee sakatta’uu qabdi kanneen jedhan akkuma jiran, Ameerikaanillee murtoo ishee irra deebiin ilaaluu qabdi kanneen jedhanis ni jiran.nNaakoor Malkaatu yaada isaanii walitti qabuu nuuf erge.

Your browser doesn’t support HTML5

Uggura Viizaa Yunaayitid Isteetis Aangawoota Itiyoophiyaarra Keesse Jiraattonni Amboo Akkamitti Ilaalan?