Hospitaalli Mooyyalee lammilee biyyoota ollaa dhiyeenya oldeebi’an adda baasee mallatoo dhibee Koorona akka irratti ilaalaa jiru ifoomse.
Ministeerri Fayyaa Keeniyaa sa’aatii 24’n darban kana warra dhibee Kooronaa qabaachuun shakkamanii jiran irratti qorannoo gaggeesseen nama 22 ka Vaayresii kanaan qabame akka adda baase ifoomse.
Ministeerri Fayyaa Mootummaa Keeniyaa biyyattii keessatti harra lakkoofsi namoota Vaayresii Kooronaan hubamanii shantama gahuu mirkaneessee jira
Kaleessa Moozaambiik biyya kibba Afriikaatti argamtu keessatti lammilee Itiyoophiyaa godaansarratti du’an 64’rraa warra oole Itiyoophiyaanota Kudha Afur Gargaaraa akka jiru jaarmayaan godaantota biyya tokkorraa gara kaanitti nagaan qubsiisu IOM beeksise.
Imala seeraan alaan gara biyya Afriikaa kibbaa deemaa turan ka jedhaman lammileen Itiyoophiyaa 64 biyya Moozaambiik keessatti du’anii argaman.
Erga kaleessa lakkoofsi namoota Kooronaa vaayresiin qabaman Keeniyaa keessatti saddeetiin dabalee mootummaan biyyattii murtee haarawa dabarseeti jira.
Ministeerri Eegumsa fayyaa Keeniyaa harra namni dhibee Kooroniyaa Vaayresiin qabame biyyattii keessatti argamuu mirkaneessee jira.
Ji’a amajjjii darbe Muummeen Ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmed biyya Afriikaa Kibbaa yoo daawwatan waadaan lammileen Itiyoophiyaa biyyas jiraataniif seename homtuu hin raawwannee ittuuyyu urakkoo keessa seennee jedhu.
Mootummaan giddu – galeessaa Keeniyaa dhiyeenyaa as lola hidhattoonni Jubalaandi fi Raayyan Somaaliyaa naannoo Mandeeraatto taasisaa jiran hordofuu qaba jedhan.
Kaleessa daangaa keeniyaa fi Somaaliyaa rratti humnootni Jubaalaand fi Raayya Ittisa Somaaliyaa walitti bu’uun himame.
Mootummaan Keeniyaa lammilee biyyattii Chaaynaa Wuhaan keessatti sababa Vaayresii Kooronaa daandii bahaa dhabaniif fala dhahaa akka jiru hime.
Embasii Itiyoophiyaa Daar E Salaam jirutti Diplomaatii mootummaa Itiyoophiyaa ka tahan obbo Teewodroos Girmaa warri harra hidhaatii gadi lakkifamee biyyatti deebi’e wagga 2 – 4 kan hidhamanii turan ta’uu dubbatan
Caalaa agarsiisi