Kaleessa Gujii Aanaa Gumii Eldallootti humnootni naga kabachiistota mootummaa cidharratti dhukaasa bananii nama tokko ajjeesanii sadii kaan madeeessuu jiraattonni dubbatan.
Dhaabbati baqataa UNHCR lammilee Itiyoophiyaa 76 biyyatti deebisuu beeksise. Ganna hedduuf buufata baqataa Keeniyaatti argamu keessa ka jiraataa turan baqattoonni kun kaleessa gara biyyaatti deebifamuu odu himaan dhaabbatichaa VOA’f dubbataniiru
Ajjeechaan gaazexeessitootarra dhaqqabuu fi ukkaamsi yaada ofii bilisaan ibsachuu dhohggamuun ammas Somaaliyaa keessatti rakkoo ta’ee akka jiru gartuun mirga dhala namaaf falmu AMneestii Intershnaal beeksise.
Baqattoonni Itiyoophiyaa Liibiyaa jiran UNHCR buufata baqataa keessaa tajaajila hin argattan jechuun nu ariye jechuun himatan. Dhalattoonni Oromoo hedduun buufata GDF jedhamu ka magaalaa Tiriipoolii keessa jiraatan torbee kaasee ajaji kun akka irratti darbe dubbatan.
Kibxata darbe gana 95 tti kan du’aan boqotan Pirezdentiin Keeniyaa lammataa Daani’eel Araap Mooyi harra sirni awwaalaa isaanii gaggeeffamee jira. Sirna Awwaala biyyaalessaa magaala Naayroobiitti gaggeeffamerratti gaggeessitoonni biyyaa fi angawootnis irratti argamaniiru.
Lammileen Oromoo bara Daani’eel Araap Mooyi Keeniyaa jiraataan yaadannoo maal qabu?
Pirezdantiin Keeniyaa duraanii Daani’eel Araap Mooy dhalatanii wagga 95 ffaa isaaniirratti du’aan boqotanii jiru. Mooyi yaala fayaarra utuu jiranuu lubbbuun isaanii darbuu maatiin isaanii beeksisanii jiru. Uhuuruu Keeniyaattaas biyaattii keessatti gadda labsanii jiru
Lammileen Itiyoophiyaa dhibbaa ol ta’an mudde keessa ka Poolisii Sudaaniin hidhaman ammaa hidhaa jiru. Imbaasiin Itiyoophiyaa dhimma kanarratti deebii kenneeraa
Hawaannisi kibba oromiyaa weeraraa jiru ammas keessumaa godina booranaa aanotii hedduu keessatti balaa geessisaa jira.
Pirezdentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa qaamni nageenyaa biyyattii warra shororkeessitoota irratti tarkaanfii akka fudhatu ajajan.
Mootummaan keeniyaa weerara hawaannisaa biyyattii keessatti mul’ate to’achuuf doolaara miiliyaana 2.3 ramaduu isaa beeksise. Ministarri Qonnaa biyyattii weerarri hawaannisaa ji’a Hagayyaa darbee kaasee naannoo biyyattii adda addaatti akka mul’ate dubbata.
Pirezdent Keeniyaattaan buufata raayya ittisa biyyaa haarawa kutaa bulchiinsa Gaarrisaa keessatti bansiisan. Buufati raayyaa kun ka baname jimaata darbe kana yoo tahu, rakkoo nageenyaa Kaaba baha keeniyaa jiruuf fala ta’a jedhamee amanameera
Poolisiin Sudaan lammilee Itiyoophiyaa dhibbaan lakkaa’aman hidhuu Sudaanitti Ambaasaadderri Itiyoophiyaa dubbatan.
Caalaa agarsiisi