Kaleessaa kaasee Waldhabdeen konkolaachistoota Itiyoophiyaa fi qaamolee nageenyaa mootummaa Jibuutii jidduutti mudate tajaajilli fe’umsa meeshaalee Itiyoophiyaaf Buufata Jibuutiitti kennamu akka adda citu taasisee jira.
Lammileen Itiyoophiyaa Jibuutii jiraatan; eyyama jireenyaa fi hojii yoo mootummaa biyyattiirraa gaafannu qarshii hedduu baasuuf dirqamaa jirraa jechuun dubbatu.
Magaala Naayroobii naannoo Iislii lammilee fi baqattoonni Oromoo hedduutu jiraata. Dhibeen Kooronaa dhiyeenya kana ganda kana keessatti waan baballataa dhufeef mootummaan Keeniyaa kamisa darbe kanaa kaasee nami tokko akka Iislii keessaa gadi hin baane, ol akka itti hin seennes ajajee jira.
Dhibeen kooronaa mudachuun ‘nami safuu cabsuu isaati’ jedha Oromoon jedhu Ayyaantonni, Abbootiin Gadaa fi Ogeessonni Seenaa fi dduudha Oromoo qoratan.
‘Maatii “Shanee” Jedhanii Walitti nu Qabaa Jiru’ – Gujii Bahaatti Warri Torbee Darbe To’annaa Jela Oolfames Dhaddachaaf hin Dhiyaanne’ jedhu Jiraattonni
Hospitaalli Mooyyalee lammilee biyyoota ollaa dhiyeenya oldeebi’an adda baasee mallatoo dhibee Koorona akka irratti ilaalaa jiru ifoomse.
Ministeerri Fayyaa Keeniyaa sa’aatii 24’n darban kana warra dhibee Kooronaa qabaachuun shakkamanii jiran irratti qorannoo gaggeesseen nama 22 ka Vaayresii kanaan qabame akka adda baase ifoomse.
Ministeerri Fayyaa Mootummaa Keeniyaa biyyattii keessatti harra lakkoofsi namoota Vaayresii Kooronaan hubamanii shantama gahuu mirkaneessee jira
Kaleessa Moozaambiik biyya kibba Afriikaatti argamtu keessatti lammilee Itiyoophiyaa godaansarratti du’an 64’rraa warra oole Itiyoophiyaanota Kudha Afur Gargaaraa akka jiru jaarmayaan godaantota biyya tokkorraa gara kaanitti nagaan qubsiisu IOM beeksise.
Imala seeraan alaan gara biyya Afriikaa kibbaa deemaa turan ka jedhaman lammileen Itiyoophiyaa 64 biyya Moozaambiik keessatti du’anii argaman.
Caalaa agarsiisi