ADAAMAA —
Magaalaa Dambi Doolloo keessatti Gaazexessaan Sabaa Himaa Oromiyaa Biroodkaastiing Neetwoork OBN, Sisaay Fidaa hidhattootaan ajjeefame jedhe, Poolisiin Godina Qellam Wallaggaa.
Itti gaafatamaan Itti aanaa Nageenya Naannoo Mirkaneessuu Inspektar Ahmad Yaasin “Ajjeechaa kana kan raawwate Shaneefi Abbaa torbeedha” jedhan.
Riphe-loltoota Mootummaan ‘Shanee’ jedhee Waamu Zoonii Lixaatti, dubbi-himaa kan tahan Bilisummaa Guutaa, “Ajjeechaa kana hin raawwanne” jechuun dubbataniiru.