Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Mana Jireenyaa Ambaasaaddara Tokkumma Emeretii Arabaa Biyya Ishee Keessaa Haleeluu Haalte


Magaala Kartuum keesaatti bakka waraanii mootummaa qabachuudhaa opireeshinii eeggeessa jiruu aara mullatu,Kaartuum, Sudan, Fulb.26, 2024.
Magaala Kartuum keesaatti bakka waraanii mootummaa qabachuudhaa opireeshinii eeggeessa jiruu aara mullatu,Kaartuum, Sudan, Fulb.26, 2024.

Waraannii Sudaan mana jireenyaa Ambaasadara Biyyaa UAE irratti haleellaa raawateeera jichuudhaa komii biyyi UAE dhiheesitee mormee jira. akka waraanni Sudaan jedhetti haleellaa sana embaasii UAE magaalaa Kaartum keessa jiru irraa kan raawwatee waraana umna dafee qaqqabaa isa RSF jedhamee beekamuudha. Akka mootummaan UAE wixata har’aa jedhetti haleellaan bakka jireenyaa hojjatootaa Embaasii isaa irratti raawatame xiyyaara waraanaatiini.

Maddi Oduu Rooyiters ministeera dhimma alaa mootummaa UAE waabefachuudhaan akka gabaasetti haleellaa raawatamee kanaan gamoon Ambaasadrii biyyatti keessa jiran miidhaan irraa gahee jira. Biyyi UAE garee walwaraansaa Sudaan keessatti hirmaachha jiru isaa Jeneraal Mohaamad Hamdaan Dagaalootiin hogganamu degera jechuudhaan waranii sudaan inni Jeneraal Abdulfatah al burhaaniitii hogganamuu balaaleffata ture. UAE komii kana balaaleffachuudhaan haaltee jirti.

Forum

XS
SM
MD
LG