Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaa Irratti Haleellaan Waraanaa Banamanaan Biyyi Isaanii Meeshaa Nukleraa Fayyadamti Jechuun Prezidaanti Putin Dubbatan 


Pirezidaantii Raashiyaa, Vilaadmiir Puutiin, Mooskoo, Raashiyaa, Fulb.25, 2024.
Pirezidaantii Raashiyaa, Vilaadmiir Puutiin, Mooskoo, Raashiyaa, Fulb.25, 2024.

Pirezidaant Vilaadmiir Puutiin Roobii kaleessaa jechuun Fulbaana 25 akka jedhanitti, Raashiyaan yoo biyya kamiinuu haleellaan irratti raawwate meeshaa niwukilaraa fayyadamuu akka dandeessu fi haleellaan barame kan meeshaalee adda addaan geggeessamu kamiyyuu humnootii nukilera qabaniin deggerame Raashiyaa irratti raawwannaan, akka haleellaan waloo nu irratti raawwatetti ilaalama jechuun dubbataniiru.

Puutiin walgahii Mana Maree Nageenyaa Raashiyaa kan angawoota gameeyyii irratti hirmaatan haasaa dhaan banan yoo ta’u, qajeelfama fayyadama niwukilaraa Raashiyaa jijjiiruuf yaadonni dhiyaachuu isaanii ibsuu dhaan, jijjiirama ijoo yaadame keessaa tokko cimsuu akka barbaadan dubbataniiru.

Biyyoota niwukilaraa hin hidhanne kamuu, garuu hirmaannaa ykn deeggarsa mootummaa niwukilara hidhataniin Raashiyaa irratti weerarri raawwatamu akka haleellaa waloo dhaan Federeeshinii Raashiyaa irratti geggeessamett fudhatama jedhan Putin.

Haalli Raashiyaan gara itti fayyadama meeshaa niwukilaraatti ce’uus ifatti murtaa’eera, kan jedhan Puutiin, Moskoo misaa’ela, xiyyaara ykn diroonii guddaa itti dhukaasuun jalqabuu isaa yoo hubatte tarkaanfii akkasii fudhachuu akka yaaddu himaniiru.

Puutiin akka jedhanitti, Raashiyaan, meeshaa waraanaa baratamee dabalatee, yoo isheen ykn Beelaaruus weeraraaf saaxilaman meeshaa niwukilaraa fayyadamuuf mirga qabdi jedhan. Puutiin ibsi kenname kun of eeggannoo dhaan kan madaalamee fi balaa waraanaa ammayyaa Raashiyaa mudachaa jiruun kan walsimu ta’uu ibsaniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG