Hawaannisi kibba oromiyaa weeraraa jiru ammas keessumaa godina booranaa aanotii hedduu keessatti balaa geessisaa jira.
Pirezdentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa qaamni nageenyaa biyyattii warra shororkeessitoota irratti tarkaanfii akka fudhatu ajajan.
Mootummaan keeniyaa weerara hawaannisaa biyyattii keessatti mul’ate to’achuuf doolaara miiliyaana 2.3 ramaduu isaa beeksise. Ministarri Qonnaa biyyattii weerarri hawaannisaa ji’a Hagayyaa darbee kaasee naannoo biyyattii adda addaatti akka mul’ate dubbata.
Pirezdent Keeniyaattaan buufata raayya ittisa biyyaa haarawa kutaa bulchiinsa Gaarrisaa keessatti bansiisan. Buufati raayyaa kun ka baname jimaata darbe kana yoo tahu, rakkoo nageenyaa Kaaba baha keeniyaa jiruuf fala ta’a jedhamee amanameera
Poolisiin Sudaan lammilee Itiyoophiyaa dhibbaan lakkaa’aman hidhuu Sudaanitti Ambaasaadderri Itiyoophiyaa dubbatan.
‘Yuuniversitiwwan Naannoo Amaaratti Barataa Adii Waaqoo fi Barattota Oromoo kaan warri ajjeese seeratti dhiyaachuu qabu’ barattoota fi jiraattota Godina Booranaa
Walgahiin gumii biyyoottan Afriikaa, kaariibiyaanii fi paasifiik Kaleessaa qabee guyyoota lamaaf magaala naayroobitti gaggeeffamee jira.
Poolisiin Keeniyaa bulchaa magaalaa Naayroobii to’annaa jela oolchuu beeksise. Maayk Soonkoo harra yakka malaammaltummaan shakkamuun to’annaa jela oolanii jiru.
Lammileen Oromoo Kaartuum jiraatan akka jedhanitti, baqattoota keessumaa lammiin Itiyoophiyaa ta’an dhimma waraqaa eenyummaan hidhuun kun ji’a sadii as jalqabe.
Torbee darbee kaasee Aafa yaa’ii Mana Maree bakka bu’oota ummataan ka durfamu gareen diiplommatotaa Ugaandaa daawwate jira. Taaggesee Caafoo fi tuuti isaanii turtii isaanii haga dhuma torbee darbee ture kana keessatti Prezdenti Muuseveenii dabalatee angawoota mootummaa hedduun maree taasisaniiru.
Lammilee Itiyoophiyaa baqattummaan keeniyaa jiraatan kuma 27 keessaa kumni 4 fi dhibbi 5 biyya isaaniitti deebi’uuf fedha qabu jedhe jaarmayaan baqattootaa UNHCR.
Yuunaytid Isteetis Prezdentii Abbaa Alangaa Mootummaa Keeniyaa duraanii akka biyya ishee hin seenne dhorkite.
Kaleessa galgalaa kaasee magaaala Mooyyaaleetti dhibee koleeraan namootni 20 ta’an dhukkubsatanii yaala fudhataa akka jiran Diirekterri buufata eegumsa fayyaa Mooyyalee VOA’f himaniiru.
Caalaa agarsiisi