Gaazaa keessatti lakkoofsa namoota lubbuun darbee kessaadhibbeentaa 70 kan ta’u dubartootaa fi daa’imman ta'uu mirkaneeffachuu isaa Waajjirri Mirga Namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa Jimaata har’a beeksise. Kunis seera gargaarsa dhala namaa kan addunyaa cabseera jechuun balaaleeffatee jira.
Lakkoofsi Tokkummaaa mootummootaa kunis ji’oota isaan jalqabaa torba isa waldhabdeen Israa’el fi Haamaas jalqabe kan waggaa tokko duraa irraati. Kannen du'an 8,119 Waajjirri Mirga namootaa kan Tokkummaan Mootummoota yeroo ji’a torbaa keessatti mirkaneesse kun isa aangawoonni Fayyaa Faalisxiin walitti bu’iinsa baatii 13 keessatti 43,000 caala jedhan sana irra gad aanaa dha.
Garuu Tokkummaan Mootummootaa umurii fi saala miidhamtootaa akka addaan baaseen dubartoonnii fi daa’immantu hedduumaata kan jedhe, isa aangawoonni Falasxiin dubbatan waliin wal fakkaata.
Waan qoratamee bira ga’amee kun seera garraarsa namoomaa kan cabsee ta’u Tokkummaan mootummootaa gabaasa isaa fuula 32 qabu kanaan beeksisee jira. Israaee’l gabaasa kana ilaalchisee battalumatti waan jettee hin qabdu.
Forum