Waraana Gaazaa Keessatti Kanneen Lubbuun Darbe keessaa Garri Dhibbeentaa 70 Dubartootaa fi Daa’immani Jedhame

  • VOA

FAAYILII - Manni barumsaa dahoo gohdatanii turan Israa'eliin haleellaamuu boda namoota boohaa turan, Magaala Gaazaa, Sadaasa 7, 2024.

Gaazaa keessatti lakkoofsa namoota lubbuun darbee kessaadhibbeentaa 70 kan ta’u dubartootaa fi daa’imman ta'uu mirkaneeffachuu isaa Waajjirri Mirga Namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa Jimaata har’a beeksise. Kunis seera gargaarsa dhala namaa kan addunyaa cabseera jechuun balaaleeffatee jira.

Lakkoofsi Tokkummaaa mootummootaa kunis ji’oota isaan jalqabaa torba isa waldhabdeen Israa’el fi Haamaas jalqabe kan waggaa tokko duraa irraati. Kannen du'an 8,119 Waajjirri Mirga namootaa kan Tokkummaan Mootummoota yeroo ji’a torbaa keessatti mirkaneesse kun isa aangawoonni Fayyaa Faalisxiin walitti bu’iinsa baatii 13 keessatti 43,000 caala jedhan sana irra gad aanaa dha.

SEE ALSO: Israa'el Mana Barumsaa Bakka Namoonni Lola Jalaa Itti Dheessan Haleeluun Namoota 17 Galaaftte: Angawoota Fayyaa Faalisxiin

Garuu Tokkummaan Mootummootaa umurii fi saala miidhamtootaa akka addaan baaseen dubartoonnii fi daa’immantu hedduumaata kan jedhe, isa aangawoonni Falasxiin dubbatan waliin wal fakkaata.

SEE ALSO: Ministarri Haajaa Alaa Yuunaayitid Isteesi Antaanii Biliinkan Kibxata Kaleessaa Hooggantoota Israa’eel Waliin Mari’atanii Jiru

Waan qoratamee bira ga’amee kun seera garraarsa namoomaa kan cabsee ta’u Tokkummaan mootummootaa gabaasa isaa fuula 32 qabu kanaan beeksisee jira. Israaee’l gabaasa kana ilaalchisee battalumatti waan jettee hin qabdu.